Qophii Oromummaa Biyya Belgium keessatti gaggeeffamu Nagaatti ansuu dhaan Qophii Oromummaa biyya Belgium keessatti gaggeeffamu’rratti akka hirmaattan kabajkaan isin affeerra. Qophii Oromummaa kana milkeessuuf sabboontotinni Oromoo Aurophaa, keesumaayyuu biyya Netherlandas, Belgium fi Germany hedduumminaan qooda fudhatu. Guyyaa, sa’a fi bakkee sagantaan itti gaggeeffamu:- Adoolessa 03/07/2010, Sa’a boodaa sa’a 13.00 egala Tessoo
Hawaasni/Ummatinni Oromoo ilaalcha siyaasaan, kutaan, amantiin otoo wal hin qoodin ijaarsa tokkummaa Oromummaa sadarkaa guutuu Addunyaatti cimsuufi! Dhiittaa Mirga Namoomaa ilmaan Oromoo’rratti gaggeeffamaa jiruuf gamtaan furmaata argamsiisuuf akkasumas Baqattoota Oromoo rakkina cimaa keessa jiraniif gargaarsa namoomaa gochuuf sagantaa kaayyeeffameedha. Qabiyyen Sagantaa:- Marii Ummataa fi Sagantaa Bashannanaat:- Qapxileen mariif dhiyaatanis, _Dhimma Tokkummaa Ummata Oromoo tiif, Akeeka kaayyoo fi barbaachisummaa WTUOGA _Aadafii Duudhaa Oromummaa tiif kabaja dhabuu dhaan tokkummaa Hawaasaa keessatti hirdhina umamu fi faca’insi hawaasaa dhiibbaa bulchiinsa siyaasa’rratti qabu _Dhimma Hidhamtoota Siyaasaa fi baqattoota Oromoo tiif, Xiyyeeffannoo falmii Mirga Namoomaa fi Gargaarsa Namoomaa, _Jiruu fi jireenya, sochii dhala nama kam keessattiyyuu barbaachisummaa Dubartootaa _Bilisummaa Oromoof Qooda Dhaloota Haryaa’rra eggamu Qapxiilee armaan olitti caqafamerratti namoota ogummaa ykn beekkumsa adda addaa qabaniin ibsi godhamee mariin ummataa gaggeefama. sa’a 20.00 kaasee halkan guutuu gaggeeffama. Artistootaa fi Gazexeesitootaa Oromoo bebekkamoon sagantaa kana’rratti qooda ni fudhatu. Artistootinni sagantaa kana’rratti qooda fudhachuuf qophaayan:-
Sagantaan Bashannanaa suduudaan karaa sarara “paal tookii” WTUOGA ummataaf qilleensa’rra ola. Kabajamtoota ilmaan Oromoo kanneen bilisummaa fi mirga saba keessaniif yaaddan (kanneen naannoo biyya Belgiumitti dhiyeenya qabdan ykn kanneen fageenyi isin hin daangessine)martinuu ilaalcha siyaasaan, kutaan, Amantiin otoo wal hin qoodiin sagantaa kana’rratti akka hirmaattan kabaja Oromummaa tiin irra deebinee isin affeerra. Akkaataa bakkee sagantaa geessan:- Yoo Antwerpen Centra station ti buutan balbala stationicha irra Tram lakk. 11 qabattanii, bakka Berchem station jedhutti buutu. Karaa stationa Berchem fuldura qaxa muru bira milan yoo ceetan daqiiqaa lamaan Statiestraat kan jedhu argattu. Egaan galmichi lakoofsa 175 ti argama. Oromummaa Foundation’s and IUOSA’s Planed program 1. Global Award Festival Global Award Festival will be the type of festival for a week commencing on first to second weekend of August in Amersfoort city of The Netherlands. And it will have continuity once every year in Netherlands or in one of the countries of Europe or in others continents. The weeklong festival covers different activities which as indicated below. 2. OCO (Oromo Contact Office) OCO (Oromo Contact Office) will open in Netherlands. For the purpose of:-
ORTV (Oromo Radio and Television) service could be through pal talk network and will be loaded on Oromummaa foundation’s website.
in Nairobi Kenya
The office of OJHS could give the functions of:-
Attention! The copy Rights of our creativity is Reserved! “Meles Zenawi who killed thousands of Oromo nationalists and other Ethiopians does not represent Oromos and other nations and nationalities in Ethiopia!” Check out the full report http://www.oromoliberationfront.org/News/2010/Hiriira_Nagayaa_G20_Toronto_Canada.pdf |
Copyright © 2009 Oromummaa Foundation All Rights Reserved. .